Amajjiin 1 guyyaan WBO fi barri haaraan 2010 giddu gala waajjira H/D ABO dabalatee miseensotaa fi deggertoota ABO, akkasumas murnoota hawaasa Oromoo adda addaa kan biyya keessaa, biyyoota ollaa fi alaa biratti guyyoota gara garaatti sirna akkaan ho’aa, miidhagaa fi milkoomina qabuun kabajameera; amma illee kabajamaa jira.
Haaluma kanaan giddu gala waajjira H/D ABOtti Amajjii 03,2010 guyyaan WBO Amajjiin 1 fi barri haaraan 2010 haala gaariidhaan ayyaaneffatameera. Sirna kabajaa kana irratti hoogganootni dhaabaa, miseensotni, hawaasni Oromoo naannoo fi keessummootni afeeraman argamaniiru. Sirni kun eebba maanguddootaan kan eegalame oggaa ta’u, miseensi Sh/G fi I/A H/D ABO J/Bultum Biyyoo guyyaa kana ilaalchisuun akkasumas dhimmoota qabsoo fi ummata Oromoo irratti haasaa bal’aa godhaniiru. Rakkoo gama hundaa keessaa bahuufis furmaatni jiru tokkich qabsoo ofii jabeessuu akka ta’e hubachiisan.
Miseensi SH/G fi gaafatamaan Damee Siyaasaa fi Jaarmayaa ABO J/A.Caalaa Lataa akkasumas bakka bu’aan hawaasa Oromoo naannoo haasaa godhanii jiran. Sirni kabajaa guyyaa WBO kun haala ho’aa fi bareedaadhaan akkuma jalqabetti milkiin gudunfame.
Bifuma wal fakkaatuun guyyaan WBO Amajjiin 1 maadhelee ABO fi sabboontota Oromoo biyya keessaa birattis bifa ho’aa fi hamilee guutuun kabajamee akka oole oduu nu gahan irraa hubachuun ni danda’ama.
Gabaasaaleen nu dhaqqaban akka hubachiisanitti, Godina Baalee Onoota Gindhiir, Dalloo Mannaa, Gobbaa, Jaarraa, Gaasaraa, Beeltoo, Raayituu akkasumas Godina Arsii Onoota Shaashamannee, Shaallaa, Arsii Nagallee, Qoree, Dodolaa, Asaasaa dabalatee gandeen hedduu keessatti maadheleen argaman walitti dhufanii Amajjii 1 guyyaa WBO haala gaariin kabajataniiru.
Sabboontotni Oromoos guyyaa kana akka isaaniif danda’ame hundaan walitti dhufanii haala nama gammachiisuun akka kabajatan gabaafameera.
Maadhelee Tuqan Dhooytuu, Madda Seenaa, Hambaa Jaallanii, Yoom Laataa fi Summii Diinaa dabalatee maadhonni 50 caalan guyyaa kana haala bareedina qabuun kabajatanii dabarsaniiru.
Bifuma wal fakkaatuun Guyyaan WBO Amajjiin 1 fi barri haaraa 2010 Godinoota Finfinnee, Shawaa bahaa fi Harargee dhihaa keessatti maadhootaa fi sabboontoota Oromootiin bifa miidhagaa fi milkii qabuun kabajamuu oduun nu gahe ifa godha. Maadheleen Yaayyaa Guutoo lakk. 1 fii 2, Goota Carcar, Guutamaa Hawaas, Biiluu Calanqoo A, B, fi C, Bilisummaaf, Murattuu fi Daakaa kanneen sirna kana kabajatan keessatti argamu. Ibsa ejjennoo guyyaa kana sababeeffachuun baasaniin, dirqama ABOn itti kennu fudhatanii hojiitti hiikuuf qophii ta’uu irra deebi’anii waadaa isaanii haaromsuun mirkaneessaniiru. WBO jabeessuuf kan oolu gumaacha maallaqaas taasisaniiru.
Miseensotni maadhee Faajjii Blisummaa, Wixinee Qabsoo, Ifaa Bilisummaa, Aaneysoo Waaree, Malkaa Bal'oo, Shanan Gadaa 08, Birraa 011, Murattu Abbaa Irree, Irkoo WBO lakk.2, Juukii Bareentoo, Kuuloo Jaalataa akkasumas maadheleen Konyaa Urjii Bahaa fi Konyaa Dabbaal jalatti argaman Amajjii 1 guyyaa WBO ummata waliin walitti dhufanii haala addaan kabajataniiru. Oromoo fi Oromiyaa gadadoo keessaa baasuuf furmaatni jiru tokkichi gamtaan dhaaba keenya ABO jalatti hiriirre qabsoo keenya finiinsuu fi WBO jabeessuu dha erga jedhanii booda, gama isaaniin sochii isaanii jabeessanii itti fufuuf waadaa isaanii haaromsaniiru.
Madheeleen Finiinsituu Qabsoo Lakk.1,2 fi 3, Habruu Goddoo, Guma-baas Yaassiin Maamad, Dhiiga Diimaa, Zoonii Bahaa lakk.2005, Furmaata Bilisummaa, Muraasayyoo lakk. (1 hanga 8), Tokkummaa Sabaa, Gumabaas Elemo, Hiree Sabaa lakk.1, Hiree Sabaa lakk.2, Hundee Elemoo, Caayaa Bilisummaa guyyaa WBO Amajjii 1 kabajataniiru. Gumaacha WBO’f godhaniinis qarshii 780 arjoomanii jiru. Ibsa ejjennoo baafataniinis nutis miseensotnii fi deggertootni QBO bara haaraa kanatti qabsoo keenya galmaan gahuuf dirqama keenya kan duraa caalaatti hojiitti hiikuuf waadaa keenya haaromsina jedhan.
|
Biyyoota ollaa bakka gara garaattis guyyaan WBO Amajjiin 1 fi barri haaraan 2010 hawaasota Oromoo fi deggertoota QBO biratti gamtaan akka kabajame hubatameera. Haaluma kanaan Keenyaa magaalaa Nayirobiitti bakka ilmaan Oromoo fi firoottan QBO lammiiwwan Ogaadenii fi Gambeellaa kumootaan argamanitti bifa haalaan ho’aa ta’een kabajameera.
Sirni kun akkuma aadaa Oromootti eebba manguddootaan kan eegale si’a ta’u, jaaroleen dungoo qabsiisuun dargaggoota Oromoo fi Ogaadenitti imaanaa qabsoo kennaniiru. Ayyaana Amajjii faaruu tokkummaatiin dabaalame kana irratti Galmi Tokkummaa Oromoo-GTO- dhaamsa dabarseen ummati Oromoo akkuma kanaan duraatti tokkummaa isaa cimsatee, qabsoo bilisummaa eegalame cichoominaan akka furgaasu hubachiise.
Galmi Tokkumaa Oromoo (GTO) dhamsa waliigalaa Oromoo hundaaf dabarse keessattis, tokkummaan Oromoo fi qabsaa’otaa jabaachuun bara bittaa gabroomfataa kan gabaabsu waan ta’eef, jaarmiyoti Oromoo walabaa cufti waaltaa waliigaltee qabsoo Oromoo-Oromummaa fi Bilisummaa-irratti walta’anii akka hojjatan jabeessee dhaamee jira. Kana malees, ummati Oromoo bara bittaa gabroomfattootaa gabaabasuuf cunqurfamtoota adda addaa waliin harka walqabatanii qabsoo bilisummaa akka hangaasan illee GTO dhaamee jira.
Ummati Oromoo tokkummaa isaa jabeeffatee qabsoo bilisummaa eegale daran finiinsuu fi haallen mijjaa’oo ta’an maratti fayyadamuuf of qopheessee akka socho’uuf ABOs dhaamsa dabarsee jira. Ummati Oromoo fi Ogaaden dhiittaa fi roorraa walfakkaataa keessatti argamuu isaanii bakka bu’aan ABBO ayyaana kana irratti argaman dhaamsa dabarsaniin yaadachiisanii, hawaasti gama lachuun jiru walta’anii duula waraanaa fi dipiloomaasii akka finiinsan, gamtaadhaanis bittaa gabrummaa fi roorroo akka of irraa kaasan yaamicha godhan. Ummati Oromoo fi Ogaaden amma illee waantota naannoo isaaniitti tata’an mara hordofanii tarkaanfii malu waloon akka fudhatan kan hubachiisan bakka bu’aan ABBO, duula waraanaa fi sochii gama hundaa bakkayyuutti adeemsisamu mara irratti bal’inaan hirmaatanii akka hojjatan illee waamicha dabarsanii jiru.
Ayyaana kana irratti baandiin Eenyummaa sirboota warraaqsaan ummata kan dadammaqse yoo ta’u, diraamaan “Baqattummaa” jedhu kan jireenya baqattummaa irratti xiyyeeffates baandiima kanaan dhiyaatee jira. Galmi Tokkummaa Oromoo (GTO) T-shartii Alaabaa ABO fi ABBO qabu, kan “unity is strength,” jedhuu fi barruulee DUNGOO lakk 2ffaa maxxansiisee kan dhiyeesse ta’uun illee gabaasameera.
Hawaasni Oromoo biyya Sudaan magaalaa Khartum jiraatus Amajjii 1 guyyaa WBO fi bara haaraa 2010 walitti dhufuun kabajatan. Sirni namootni dhibbootaan lakkaa’aman irratti argaman kun eebbaan kan baname oggaa ta’u, faaruun alaabaas dhageessifameera. Amajjiin 1 akkamitti akka eegalame namoota walgahaniif ibsi kan kanname oggaa ta’u, WBO kan ilaaluunis marii bal’aan godhameera. Murteessaan WBO gama hundaan jabeessuu akka ta’e hirmaattotni ayyaana kanaa ibsuudhaan battalumatti WBO jabeessuufis poundii 1000 ykn doolaara Amerikaa 300 ol gumaachan.
Kabaja guyyaa kanaa irratti diraamaan, walalooleen, taphootni adda addaa fi sirbootni warraaqsaa qabsoof nama ajjabeessan dhihaatanii haala bareedaan xumurameera.
Guyyaan WBO Amajjiin 1 fi barri haaraan 2010 hawaasa Oromoo Kibba Awstiraaliyaa jiraatu birattis Amajjii 02,2010 ayyaaneffatamee ooleera. Ayyaana kana irratti Jaal Kadir Ibiraahim seenaa Ayyaana Amajjii ilaalchisanii ibsa kennaniin, guyyaan kun guyyaa yaadannoo humni kaayyoo fi cichoomina qabu rakkoon injifatamee faca’uu akka hin dandeenye itti dhugoomse ta’uu hubachiisan. Miseensoti ABO konyaa Adelaide ayyaana guyyaa WBO kana irratti hirmaatanis yaada MOAf kennaniin, Amajjii kan ayyaaneffatan haala WBOn keessa dabre, amma immoo qabsoo hadhawaa diinaa wajjin godhamaa jiru akka wal yaadachisan addeessanan.
“Amajjii 2010 yeroo ayyaaneffannu WBO jabeessuuf akkuma baratame wanneen dandeenyu maraan akka birmannu waadaa keenya deebisnee haaromsinee jirras jedhan. Yeroo ammaa kanas ummati keenya, dacheen keenyaa fi jireenyi keenya marti humna alagaan saamamuun daran kan jabaatee itti fufe waan ta’eef qabsoo keenya dachaadhaan dabaluu nu barbaachisa jedhaniiru. Ayyaana kana irratti Dhahaan Oromoo kan bara haaraa sadarkaa dhaabaatti qophaa’es dhiyaatee tokkoon tokkoon isaa doolara Australia kudhan-kudhanitti gurguramee maallaqni isaa galii ta’uun beekamee jira.
*******
Gabaasa Amajjii 1,2010 guyyaa WBO
Sirni kabajaa Amajjii 1 guyyaa WBO kan bara haaraa 2010 miseensota ABO, WBO, sabboontota biyya keessaa fi alaa akkasumas biyyoota ollaa biratti bifa gara garaan kabajameera; amma illee guyyaan WBO kun bakka adda addaatti yeroo gara garaatti kabajamuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan WBOn Godina Bahaa guyyaa isaa Amajjii 1 bakka ummatni naannoo heddumminaan argamanitti Amajjii 1,2010 haala ho’aadhaan kabajachuu isaa oduu SBOf ergeen beeksisee jira. Guyyaan WBO Amajjiin 1 akkamittiin akka eegalame, maaliif akka kabajamuu fi sadarkaa itti guddataa dhufe irratti ibsi bal’aan miseensota WBO fi ummataaf kennameera.
Miseensotni WBO fi ummatni ayyaana WBO kana sababeeffachuun walitti dhufan haala ummatni Oromoo yeroo ammaa keessa jiru irratti mari’atuun gadadoo fi saamicha ummata Oromoo irratti babal’ataa jiru dhabamsiisuuf, bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf dhaaba isaanii ABO jalatti hiriiranii haga wareegama lubbuutti qabsoo itti fufuuf waadaa isaanii haaromsan.
Sabboontotni Oromoo biyya keessaa maadhelee gara garaa jalatti gurma’anis Amajjii 1 guyyaa WBO kabajatanii akka oolan maddeen keenya mirkaneessaniiru. Haaluma kanaan miseensotni maadhee Alamuu Qixxeessaa fi Mul’ataa Fayyisoo jalatti gurma’an Amajjii 1 guyyaa WBO fi bara haaraa 2010 ayyaaneffatanii oolaniiru. Humnaa fi dinagdee qabnuun dhaaba keenya ABO cimsuuf waadaa keenya ni haaromsina jedhan waytuma kana ibsa ejjennoo baafataniin. Bara haaraa 2010 kanatti sochii keenya jabeessinee lukkeelee diinaa ummata keenya irraan dararaa gahaa jiran ni adabna jedhan.
Tokkummaa ummata keenyaaf bara kanas waardiyyaa ni dhaabbanna kan jedhan sabboontotni Oromoo kunniin, bara 2010 kanattis FDG itti fufuuf gama dandeenyu hundaan ni hojjenna jedhan. Hidhaa, ajjechaa fi dararaa wayyaaneen geessiftu kamuu dhaaba keenya ABO irraa nu hin kutus jedhaniiru.
Miseensotni maadhee Tokkummaa Odaa, barattootni sad.2ffaa Amboo, barattootni Yunversitii fi Kolleejjii Amboos guyyaa WBO Amajjii 1 haala namatti toluun kabajachuu isaanii oduu nu gahe irraa beekuun danda’ameera.
Guyyaa kana galgala ummatni Oromoo fi barattootni Oromoo tokkummaa keessan cimsatuun bara kana FDG jabinaan akka itti fuftan kan jedhu waraqaan waamichaa magaalaa Amboo fi naannoo sanatti akka facaafame oduun nu gahe ni hubachiisa. WBO cina kan danda’aniin dhaabbatanii qabsoo adda tahe geggeessuuf akka carraaqanis waytuma kana ifa godhan.
Maadheleen Ibsituu Bilisummaa, Nimoonaa fi Tiksaa Tokkummaa Oromoo lakk.1-5 guyyuma kana Amajjii 1 guyyaa WBO kabajataniiru.
Maadheleen Godina Shawaa Bahaa Onoota akka Dugda Booraa, Lumee Ada’aa, Aqaaqii Liiban, Cuqqaalaa, Adaamaa fi Fantaallee keessatti argaman maadhee guddicha Cuqqaalaa Gamtaa jalatti gurma’anis guyyaa WBO Amajjii 1 fi bara haaraa 2010 bifa namatti toluun kabajachuu isaaniitu gabaafame. Maadheleen kanneen gumaata qabsoo godhaniinis qarshii 1250 WBOf arjoomaniiru.
Maadheleen kanneen saamicha qabeenyaa fi faalama uumamaa mootummaan wayyaanee Oromiyaa irraan gahaa jiruu fi dararaa namoota irraan gahaa jiru cimsanii mormaniiru; kan falmatan ta’uus ifa godhan. Dhiibbaa mootummootni biyyoota ollaa kanneen ilmaan Oromoo itti baqatan irraan gahaa jiranis akkaan balaaleffatanii; mirga baqattoota Oromoo akka tiksan gaafatan.
Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo kumoota kudhanootaan herregaman Oromummaa isaaniin yakkee hidhe daddaffiin akka gadhiisu gaafatanii, Oromootni biyya keessaa fi alatti argaman ammoo tokkummaan qabsootti akka fuulleffatan waamicha qabsoo godhaniif.
Ilmaan Oromoo biyyoota ollaatti argamanis haala isaaniif aanjeen Amajjii 1 guyyaa WBO kabajatanii jiru. Waldaan Barattoota Oromoo biyya Sudaan guyyaa kanaa fi bara haaraa 2010 kabajachuu isaa maddi oduu ABO MOAn gabaasee jira Yeroo ayyaana kana ayyaaneffatanitti dhimma biyyaa irrattis dubbaachuudhaan ibsa ijjennoo qabxii 5n qabu baafatan keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo karaa danda’an maraan akka gargaaran beeksisan.
Waldaan Barattoota Oromoo biyya Sudaan ibsa ejjannoo baase kanaan, saamicha qabeenya Oromiyaa irratti gageeffamuu fi miidhaa ummata Oromoo irra gahaa jiru balaleffatee jira. Oromoon marti bakka jirutti harka walqabatee dhabama qabeenyaa fi dhaloota dhufuu baraaruuf, hiree isaa ofiin murteeffachuuf wal ijaaree qabsoo isaa akka finiinsu gaafate.
Hawaasni Oromoo biyya Ugaandaatti argamus Amajjii 1 guyyaa WBO fi bara haaraa 2010 sirna ho’aan akka kabajate oduun nu dhaqqabe ni hubachiisa. Sirna kabajaa guyyaa WBO Ugaandaa, Kampaalaatti kabajame kana irratti miseensotni hawaasa Oromoo heddumminaan argamuun jaalala WBOf qaban mul’isaniiru.
Guyyaa kana sababeeffachuun balaa diinaan ummata Oromoo, Oromiyaa fi qabeenya Oromiyaa irra gahaa jiru xiinxaluun ilmaan Oromoo addunyaa kana irratti argamaniif dhaamsa dabarsan. Waamicha isaanii keessattis Oromoon bakkayyuu wanneen tokkummaa isaa sharafan irraa of tiksee, caalaatti gamtoomuun waan tolchu hunda irratti hubannoo qabaachuu qaba jedhan. Oromoon bakka fedhetti dhalatus, bakka fedhe jiraatus, hiree tokkicha akka waliin qabnu hubatamuu qaba kan jedhe hawaasi Oromoo Ugaandaa, hiree miidhaa fi rakkinaa kana keessaa kan ittiin baanu falachuun dirqama sabummaa tahuun qaba jechuun dhaamsa jajjabduu lammii Oromoo maraaf dabarsee jira.
Dhuma irratti dhalli Oromoo bilisummaa fi biyya isaa barbaadu hundi gaachana keenya WBO guyyaa isaa kabajnu waan dandeenyuun bira haa dhaabbannu jechuun waamicha isaanii dabarsanii jiran.
Amerikaatti miseensotni ABO Konyaa ABO Denver keessa jiraatanii fi hawaasni Oromoo Koloraadoo Amajjii 1 guyyaa WBO fi bara haaraa 2010 sirna adda addaan kabajataniiru. Sirni kun eebba maanguddootaan banamuu kan ibse oduun nu gahe, hawwanii fi dargaggootni Koloraadoo walaloolee gootota Oromoo qabsoo bilisummaa irratti wareegaman yaadachiisu dhiheessuus hubachiisa. Hoogganni ABO fi bakka bu’ootni ABBO ayyaana kana irratti argamuun wal duraa duubaan haasaa godhaniiru. Bakka bu’ootni Konyaalee fi qondaalotni dhaabaa gaafatama adda addaa irra jiranis sirna kana irratti argamuun haasaa godhaniiru.
Sirna kabajaa guyyaa WBO fi bara haaraa 2010 kana irratti miseensotni hawaasa Ogaaden naannichatti argamanis heddumminaan akka qooda irraa fudhatan ibsameera. Hawaasti gama lachuu hariiroo ABO fi ABBO gidduu jiru qofa irratti dhaabbachuu osoo hin taane, nuti sadarkaa hawaasaatti gadi buunee waan bilisummaa Oromoo fi Ogaaden shaffisiisuu danda’u hojjechuu qabna jechuun guyyaa kana walii galaniiru.
Miseensotni ABO Konyaa ABO Denverii fi hawaasti Oromoo Koloraadoo guyyaa kana WBOf kan oolu sagantaa galii gara garaa qopheessuun gumaachi akka ta’u godhaniiru. Deggersa gama hundaan godhan cimsanii akka itti fufanis beeksisan.
Dhuma irratti ibsa ejjennoo qabxii sadii of jalaa qabu dabarfataniin, ilmaan Oromoo keessaa fi alaa xiyyeeffannaa isaanii diina irratti gochuun bara kana bara qabsoon Oromoo daran sossohee diina irratti injifannoo galmeessisu gochuu qabna jedhaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun miseensotnii fi deggertootni ABO kutaa New Zealand Amajjii 1 guyyaa WBO konyaalee jiran keessaa bakka tokkotti walitti dhufanii haala ho’aan kabajachuu isaanii mul’isa oduun nu gahe. Sirni kabajaa guyyaa WBO kun eebbaan kan baname oggaa ta’u, dura ta’aan kutaa New Zealand ayyaana kana sababeeffachuun guyyichi maaliif akka kabajamu irratti ibsa bal’aa kennaniiru.
Gama biraan hawaasni Oromoo Kanadaa magaalaa Torontootti argamu guyyaa WBO Amajjii 1 walitti dhufuun bifa bareedaadhaan kabajachuu isaanii maddeen keenya gabaasaniiru. Sirna kana haasaan kan banan dura ta’aa Konyaa ABO Torontoo oggaa ta’an bakka bu’ootni cayaalee fi qondaalotni dhaabaa, hogganootni amantii wal duraa duubaan haasaa godhaniiru. Qophii kana irratti hawwisoon kan dhihaate oggaa ta’u, kaartaan Oromiyaa alaabaa ABOn muka irraa tolfame caalbaasiif dhihaatee galii guddaa argamsiiseera. Xumura qophii kanaa irratti mariin tokkummaa Oromoo jabeessu geggeeffamuun sirnichi milkiin xumurame.
I.U.Of!!
|